Odeeffannoolee Haaraa

...
Haaraa
Marii Waliigalaa
Guyyaa har'aa 28/09/2017 akka Mana Murtii keenyaatti raawwii waliigalaa jiru ilaallee jirra. # keessattuu gama qulqullinaan, Dhaqqabamummaa fi Si'oominaan raawwii jiru ilaaluun akkaataa karoora qabameen raawwachuuf mari'atamee jira. # Dabalataanis haala keessummeessaa keenya irratti yaada abbootiin dhimmaa nuuf kennanis ilaallee cimina qabnuu itti fufsiisuun hanqinoota mul'atan ammoo cimnee hojjennee furuu akka qabnu waliigallee jirra.
...
Haaraa
Daawwannaa
 
Koreen dhaabbii fi Miseensi Mana Maree Aanaalee Kutaa Magaalaa Furii guyyaa har'aa Kenna Tajaajila Mana Murtii keenyaa daawwatanii jiru.
Haaluma kanaan:
1. Tajaajila Sirna Dabaree Abbaa Dhimmaa (QMS)
2. Tajaajila DMS
3. Tajaajila Cas
4. Moosajii haaraa Manneen Murtii Magaalaa Shaggariin hojii irra ooluu eegale.
5. Tajaajila e- filing fi VK
6. Dhaddacha Daa'immanii
7. Haala Koreen Keessummeessa Mana Murtii keenyaa tajaajila itti kennan irratti itti agarsiisuun daawwachiisnee jirra.
...
Haaraa
Gamaggama Raawwii Hojii Manneen Murtii Aadaa

Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Furiitti Gamaggamni Raawwii Hojii Manneen Murtii Aadaa Aanolee gaggeefamera.

...
Haaraa
Marii Koree Fooyya'insa Sirna Haqaa
Koreen Fooyya'insa Sirna Haqaa Kutaa Magaaalaa Furii gaafa 06/10/2017 dhimmoota garagaraa irratti marii gaggeessee jira.
Marii kanaanis ciminoota fi hanqinoota raawwii hojii keessatti mul'atan adda baasuun hanqinoota mul'atan furuuf kallattiin kaa'amee jira.
Dabalataanis Koreen kun hojiiwwan Mana Murtii keenyaan bara kana keessa raawwataman daawwatanii jiru.
...
Haaraa
Mariin Qaamolee Haqaa (Koree JBAH)
Mariin Qaamolee Haqaa (Koree JBAH) Kutaa Magaalaa Furii gaggeeffamee jira.
Qaamoleen Haqaa Kutaa Magaalaa Furii gaafa 25/09/2017 dhimmoota garagaraa irratti mari'achuun hojiiwwan hanga ammaatti hojjetaman ilaaluun ciminootaa fi hanqinaaleen mul'atan adda baafamanii jiru.
Haaluma kanaan ciminoota jiran itti fufsiisuun hanqinaalee mul'atan ammoo xiyyeeffannoo itti kennuun irratti hojjetamee Karoora Waggaa qabamee jiru milkeessuun akka danda'amutti kallattiin kaa'amee jira.
...
Haaraa
Hubannoo Abbaa Dhimmaa

Abbootii Dhimmaa gara Mana Murtii keenyaa dhufaniif akkaataa Dabareen itti keessummaa'uu danda'anii fi Hojiiwwan deeggarsaa Koree Keessummeessaan kennamaa jiru irratti hubannoon uumamee jira.

Presidaantii Mana Murtichaa

Obbo Ashannaafii Zagayyee

Ergaa Pirezidaantii

Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Furii hundeeffama Magaalaa Shaggar waliin walqabatee hundaa’uun baatii Waxabbajjii bara 2015 irraa eegalee hojii Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa kennuu eegalee jira. Haaluma kanaan Manni Murtii keenya karoora Manneen Murtii Orimiyaa Mana Murtii Waliigala Oromiyaan qophaa’an irratti hundaa’uun karooraa ofii qopheeffachuun hojjechaa kan jirudha. Hojiiwwan karoorfaman kana keessatti tajaajilli kennamu qulqulluu, dhaqqabamaa, si’aaawaa fi bu’a qabeessa akka ta’uu taasisuun hojii isa bu’uuraati.

Haaluma kanaan bu’aawaan giddu galaa arfan “Qulqullina Tajaajila Abbaa Seerummaa, Dhaqqabamummaa, Si’oominaa fi Bu’a Qabeessummaa Tajaajila Abbaa Seerummaa, Bilisummaa fi Itti Gaafatamummaa fi Gaarummaa Bulchiinsa keessoo mirkaneessuuf karoora yeroo gabaabaa fi dheeraa qabannee hojjechaa jirra.

Bu’aawwan eeggaman kana keessa qulqullinni tajaajila abbaa seerummaa dhibbeentaa guddaa kan qabatu ta’ee abbootiin seeraa Mana Murtii keenyaa qulqullina tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuuf dhimmoota walfakkaataa irratti murtii walfakkaataa kennuu qabu. Kanaaf ammoo seerota falmisiisoo ta’an irratti mari’achuun ejjennoo walfakkaataa qabachuu, murtiiwwan dirqisiisoo Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi Mana Murtii Waliigala Federaalaatti fayyadamuun murtii kennuudha. Dabalataanis falmii bitaaf mirga gidduutti ka’u irratti Madaalamummaa Adeemsa falmii yoo eegan qulqullina Tajaajila Abbaa Seerummaa mirkaneessuun ni danda’ama.

Dhaqqabamummaa tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuu keessatti teekinooloojiitti fayyadamuun baasii abbaa dhimmaa xiqqeessuu fi yeroo qusachuuf kan hojjennudha. Haala kanaan abbootiin dhimmaa tajaajila teekinooloojiin kennamutti fayyadamuuf teekinoloojiin wal baruu aadeeffachuu qabu.

Gama biraan ammoo Manni Murtii Aadaa dhimmoota dhiyaataniif ariitiidhaan ilaaluun araaraan waan xumuramuuf namoota waldhabdee qaban irraa baasii ni hir’isa, yeroo gabaabaa keessatti furmaata waan argatuuf yeroo abbaa dhimmaas ni qusata. Kanaaf abbootiin dhimmaa waldhabdee isaanii gama Mana Murtii Murtii Aadaan yoo xumuratan kan jajjabeeffamudha.

Walumaagalatti Manni Murtii keenya Bilisummaa isaa eeggatee gaarummaa bulchiinsa Keessoo horachuun kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa qulqulluu, dhaqqabamaa, si’aaawaa fi bu’a qabeessa taasisuun itti quufinsa abbaa dhimmaa dabaluun amantaa uummataa horachuuf ni hojjenna.

                                                                                      Shaggar, Furii