Mana Murtii Aadaa Sadarkaa Jalqabaa Aanaa Gadaa Faajjii
Hundeeffama Mana Murtii Aadaa
Manni Murtii Aadaa Heera Mootummaa Federaalaa keewwata (34, 78), Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa keewwata 34 (5), 62 (1) fi Labsii lakk. 216 keewwata 43 bu’uura godhachuuun akkaataa Labsii lakk. 240/2013 fi Dambii Lakk. 10/2014 hundeeffamee hojii erga eegalee waggaa arfaffaa qabatee jira.
Kaayyoo Mana Murtii Aadaa:
1.Hawaasni Naannichaa seeraa aadaa fi duudhaa bu’uureffachuun waldiddaa akka hiikkatu taasisuu.
2.Kenniinsa haqaa seera aadaa irratti hunda’ee, dhugaa fi haqa baasuu irratti fooyya’aa ta’e, hariiroo hawwaasummaa waldhabdootaa cimsuu danda’u hojiirra oolchuudhaan kabajamuu mirgoota lammiilee fi ol’aantummaa seeraatiif gumaachuu.
3.Hawaasni naannichaa tajaajila haqaa dhaqqabamaa, adeemsi isaa salphaa ta’e baasii xiqqaan akka argatu taasisuu.
4.Sirna seeraa fi haqaa guddina aadaa, duudhaa fi afaan Oromootiif gumaachuu fi miirri abbummaa keessatti mirkanaa’e uumuu.
Gurmaa’insa Mana Murtii Aadaa:
1. Mana Murtii Aadaa Sadarkaa Jalqabaa:
2. Mana Murtii Aadaa Oldabarfataa
Akka Kutaa Magaalaa Furiitti Mana Murtii Aadaa Sadarkaa Jalqabaa sadii fi Manni Murtii Aadaa Oldabarfataa tokko hundaa’anii hojii waldhabdee jiraattoota gidduutti uumamu hiikaa jiru.
Haaluma Kanaan:
1. Mana Murtii Aadaa Sadarkaa Jalqabaa Aanaa Gadaa Faajjii
2. Mana murtii Aadaa Sadarkaa Jalqabaa Aanaa Muudaa Furii
3. Mana Murtii Aadaa Sadarkaa Jalqabaa Aanaa Caffee Karaabuu
4. Mana Murtii Aadaa Oldabarfataa Kutaa Magaalaa Furii