...

Obbo Ashannaafii Zagayyee

Presidants

Ergaa Pirezidaantii

Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Furii hundeeffama Magaalaa Shaggar waliin walqabatee hundaa’uun baatii Waxabbajjii bara 2015 irraa eegalee hojii Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa kennuu eegalee jira. Haaluma kanaan Manni Murtii keenya karoora Manneen Murtii Orimiyaa Mana Murtii Waliigala Oromiyaan qophaa’an irratti hundaa’uun karooraa ofii qopheeffachuun hojjechaa kan jirudha. Hojiiwwan karoorfaman kana keessatti tajaajilli kennamu qulqulluu, dhaqqabamaa, si’aaawaa fi bu’a qabeessa akka ta’uu taasisuun hojii isa bu’uuraati.

Haaluma kanaan bu’aawaan giddu galaa arfan “Qulqullina Tajaajila Abbaa Seerummaa, Dhaqqabamummaa, Si’oominaa fi Bu’a Qabeessummaa Tajaajila Abbaa Seerummaa, Bilisummaa fi Itti Gaafatamummaa fi Gaarummaa Bulchiinsa keessoo mirkaneessuuf karoora yeroo gabaabaa fi dheeraa qabannee hojjechaa jirra.

Bu’aawwan eeggaman kana keessa qulqullinni tajaajila abbaa seerummaa dhibbeentaa guddaa kan qabatu ta’ee abbootiin seeraa Mana Murtii keenyaa qulqullina tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuuf dhimmoota walfakkaataa irratti murtii walfakkaataa kennuu qabu. Kanaaf ammoo seerota falmisiisoo ta’an irratti mari’achuun ejjennoo walfakkaataa qabachuu, murtiiwwan dirqisiisoo Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi Mana Murtii Waliigala Federaalaatti fayyadamuun murtii kennuudha. Dabalataanis falmii bitaaf mirga gidduutti ka’u irratti Madaalamummaa Adeemsa falmii yoo eegan qulqullina Tajaajila Abbaa Seerummaa mirkaneessuun ni danda’ama.

Dhaqqabamummaa tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuu keessatti teekinooloojiitti fayyadamuun baasii abbaa dhimmaa xiqqeessuu fi yeroo qusachuuf kan hojjennudha. Haala kanaan abbootiin dhimmaa tajaajila teekinooloojiin kennamutti fayyadamuuf teekinoloojiin wal baruu aadeeffachuu qabu.

Gama biraan ammoo Manni Murtii Aadaa dhimmoota dhiyaataniif ariitiidhaan ilaaluun araaraan waan xumuramuuf namoota waldhabdee qaban irraa baasii ni hir’isa, yeroo gabaabaa keessatti furmaata waan argatuuf yeroo abbaa dhimmaas ni qusata. Kanaaf abbootiin dhimmaa waldhabdee isaanii gama Mana Murtii Murtii Aadaan yoo xumuratan kan jajjabeeffamudha.

Walumaagalatti Manni Murtii keenya Bilisummaa isaa eeggatee gaarummaa bulchiinsa Keessoo horachuun kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa qulqulluu, dhaqqabamaa, si’aaawaa fi bu’a qabeessa taasisuun itti quufinsa abbaa dhimmaa dabaluun amantaa uummataa horachuuf ni hojjenna.

                                                                                      Shaggar, Furii